Revelation 17:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee sa'aatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mooyiisaaf baallii hin fudhatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafi kud'ani, ka atini agarte, hayyoota kud'ani, ta ammalle imohatiini, ammo ta jabeenna mohatuuni, bineensa woliini, haga saa toko iti kennani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gaafii kudhanan atin agarte ammoo, hayyoota kudhan ta ammallee hinmoohatin, ta ammoo jabeenna moohatuun bineensa waliin haga saatii tokko itti kennan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haa ta'uu ammo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaafni kudhanii ka ati argite mootota kudhanii ka haga ammaa mootummaa hin arganne. Haata'uu ammoo bineensa san woliin sa'aatii tokkoof akkuma moototaa baallii fudhatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gaafaan argite kurnnan amma'llee nugusota hin moo'in, garuu sa'aatima tokkoofuu bineensichcaan woliin akka moo'aniif, aangoo moo'u'uu ni argatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Gaafi kudhan ati dhaggite sun, mootota kudhan ta haga ammaa mootummaa hin fudhatin; te'uu malee saatii takka'aaf, bineensa san woliin mootota te'anee mowiisaaf baallii hin fudhatan.