Revelation 17:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin moowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin moowata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilma Hoola inhad'ani ammo Ilme Hoolatiifi jari d'uga ka isii gula yau, ka isiini fohate yaamte worra dabsata, waan isiini guddo abbooti ch'ufatiifi, hayyu hayyoota ch'ufa tatefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii elemoo hoolaa inhadha ammoo elemoo hoolaatii fi jarii dhugaa ka isaa gula yaa'u, ka inni foohattee yaame, waan innni guddaa abbootii cufatii fi hayyuu hayyoota cufaa ta'eef warra dabsata.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii moototaa waan ta'eef isaan mooyata; worri isa woliin jiran, worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunniin hoola'aan lolan, hoolaan sun Gooftaa Gooftotaatii fi mootii mootootaa waan ta'eef, isaan mooyata worri isa woliin jiran worri waamamanii fi worri filataman akkasuma worri amanaman hin mooyatan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan Hoolcha irratti woraanni ni banan, garuu Hoolchi Gooftaa Gooftotaatii fi nugusa nugusotaa waan ta'eef injifatee isaan ni moo'a, isaan woliin ka jiran, ka waamaman, ka filatamanii fi ka amanamaan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan Hoolicha hin lolan; Hoolichi ammoo Goottaa goottotaatii fi mootii moototaa waan te'eef, isaan hin mowata. Worri isa woliin jiru, worri waamame, worri filamee fi worri addatamelle isa woliin hin mowata» jedhe.