Revelation 17:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaalle anaan, “Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani ammalle waan naani jette, Bisaani atini garte, ka niitiini gubba teetu, gosafi gumifi lafafi afaani heddu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eergamaan ammallee naan, “Bisaan atin garte, ka niitiin gubbaa teettu gosa gumii, lafaa fi afaan heddu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Bisaan seebartittiin irra teette ka ati argite gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Bisaan seebartiittiin irra teette ka ati argite, gosaa fi namoota hedduu, worra Yihuudii hin taanee fi worra afaan adda addaatiin dubbatu naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi'llee akkana naan jedhe, «Bishaanonni sagaagalittuun irra teettee argite, ummatootaa fi namoota, gosootaa, worra afaanota adda addaa dubbatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaalle anaan, «Bisaan hedduun sagaagaltittiin irra teetteertuun ati dhaggite sun kolbaa hedduu, namoota bindillaa, gosa biyya adda addaatii fi afaan adda addaa ti.