Revelation 17:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan ana geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni na fuute, malaikaani lafa gamooji naa geesite. Achiti anini niiti toko, ta bineensa diima maqa hamama irati t'aafani gubba teetu, arge; bineensi suni mata torbaafi gaafa kud'ani qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii ol na fuudhee, ergamaan lafa gammoojjiitti na geesse. Achiitti anin niitii tokko ta bineensa diimaa maqaa hamaamaa irratti barreessan gubbaa teettu arge; bineensii sun mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabaa irra jiru, ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu, ta bineensa diimaa irra teettu arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanaan gara gammoojji'ii na fidee intalti takka ta maqaan arrabbaa irra jiru ta mataa torbaa fi gaafa kudhanii qabdu ta bineensa diimaa irra teetu arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkichi Hafuuraan gara lafa gammoojji'ii ana ni fudhate, gara inni qabu marattuu maqaa arrabaa ka itti barreeffaman, mataawwan torbaa fi gaaffiin kudhanii ka qabu, bineenssa diimaa irra ka teette, dubarttii takka ni arge.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan Waaqaa sun gara lafa goomole'ee Ayyaanaan na geesse; achille'etti dubartiin takka, bineensa diimaa ka nafi isaa duudiin maqoota faansho'ootiin guutameeru, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabu irra teeteertuun dhagge.