Revelation 17:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefateerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini woya diimtufi daalati uyifatte, miha worqitiifi d'akha mimid'aagafi dooqa naqatte. Mudunu worqi ta waan t'uri qaba qabduufi ta t'uri algalooma isii qabdu harkaa qabdi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Niitiin wayaa diimtuu fi daalattii uyyifatteetti, miha warqii, dhakaa mimidhaagaa fi dooqa naqattee, buduunuu warqii ta waan nama jibbisiisa qabduu fi ta batti shaarmuxxummaa isii qabdu harkaa qabdi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Intalattiin sun uffata diima'aa fi hamara uffattee worqi'ii fi dhagaa gatii gudda'aa waan gatii gudda'aatiin bareede harka ufiititti waan nama shakkisiisaa, xuwwee worqi'ii ka seebarri'ii fi battumma'aan guuttame qabatte.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namittiin hamaraa fi uffata diimaa uffatee ture, worqqi'ii fi dhagaa gatiin isaa gudda'aa, dooqotaan'llee bareeddee turtte, harka isi'ii titti'llee waan jibbisiisuu fi battummaan sagaagalummaa isi'ii ka itti guute, duloo worqqi'ii qabattee ni turtte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dubartittiin sun woyaa dhiille'ee fi diintuu uffattee, worqii, dooqaa fi dhakaa gatii guddo'oo naqattee, ifi seefatteerti; harkalle'etti muduunuu worqi'iin hujante, ta waan diqachiisuu fi battii sagaagala isi'iitiin guutanteertu qaddiiyyu.