Revelation 17:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maqaan dhossa'aa ka, “Baabiloonii gudditii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa” jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adda isi gubba maqa waan d'ossa irati t'aafani: Babiloni Guddo, haad'a sharmut'afi t'uri lafa keesa jirtu ch'ufa jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adda isii gubbaa maqaa dhoossa ka, “Baabiloon guddoo, haadha shaarmuxootaatii fi battumma lafa keessa jirtu cufaa” jedhu irratti barreessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kallacha isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kallachaa isi'iititti maqaa dhossa'aa, «Baabiloonii guddoo haadha seebartootaatii fi ta lafa battootaa» jedhamee barreeffame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kallacha isi'ii irratti'llee, «Haadha sagaagalttootaatii fi haadha battiiwwan arddii maraa, Baabiloonii ol aanittuu» ka jedhu, maqaan dhossa'a itti barreeffamee jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maqaan dhossa'aa ka, «Baabilonii guddittii, haadha sagaagaltootaatii fi battoota lafaa» jedhu adda isi'ii irratti barreeffameera.