Revelation 17:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bineensi atini argate suni duri injira, ammo amma injiru; diquma boola keesaa imbahiini, aka balleesani. Nami lafa keesa jiru, ka maqa worraa, ato lafti inuumamiini, kitaaba jireenna keesati int'aafiini, yo bineensa suni ilaalani imaadefatani. Wonti akanatiifi inni duri injira ammo amma injiru, hegeri imullata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bineensii atin argite sun durii injira, amma ammoo hinjiru; armaan duuba boolla lafa jalaa keessaa ba'ee gara badi ufi deema. Namii lafa keessa jiru, ka maqaa warraa gaafa lafti uumamtee jalaqabee, kitaaba jireennaa keessatti inbarreesin, yo bineensa sun laalan inmaadeffatan. Wantii akkanatiif innii durii injira amma ammoo hinjiru, hegerii inmullata.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bineensi ati argite dur jira, amma ammo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a; gara badi'iillee hin deema; worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bineensi ati argite duri jira, amma ammoo hin jiru, ashuuteen keessaa bayu'uuf ta'a, gara badi'iillee hin deema, worri maqaan isaanii uumama adunya'aa irraa jalqabee Kitaaba jireennaatitti hin barreeffamne, worri lafa irra jiraatan akka bineensi jiru, ka amma hin jirre, deebi'ee akka dhufe haga argan hin maalalfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
bineenissichi argitee duraan ni jira ture, amma hin jiru, maa'ii boolla gadi fago'ootii ni baya, gara badii isaa'llee ni deema, biyyiti lafaa yeroo uumamee jala qabee worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti hin barreeffamin jiraattonni arddi'ii, bineenissichi durssee ka ni jira ture, amma ka hin jirre, maa'ii ka dhufu ta'uu isaa yoo argan, ni maalalan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle'ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le'anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi'eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.