Revelation 18:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Sa'aatii takkaa keessatti durummaan sun duudiin badde!” hin jedhan. Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa guddoo irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma saa toko keesati ya durooma ufi ch'ufa d'abde! Jara gugurda hobolotiifi worra hobolo yaabatufi ka hobolo keesa hojatufi ka galaana keesaa liqimsa argatu ch'ufti fago iraa ejaanjani, aara gubacha isii argani
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Amma saa'atii tokko keessatti ya durooma ufii cufa dhabde!” Jetti. Warrii gugurdaan hoboloo ajaju, warrii hoboloo yaabbaatu, ka hoboloo keessa hojjatuu fi ka galaana keessaa liqimsaa argatuulleen cuftii fagoo irraa ejaajja.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sun maruu sa'aatima tokko keessatti badan. Worri markaba ajajan maruu worri markabaan karaa deeman maruu, worri markaba keessa hojjatan martinii fi worri jireenna ufii galaana irratti hundeeffatan maruu, fagoo dhaabatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qachaa guddoo uffata haphii fuuttaa'a, uffata dhiilgee diimaa uffattee, worqi'ii fi dhagaa gatii guddaa waan gatii guddaa badhaafamteef isi'ii hobbaasi! isi'ii hobbaasi! durummaan hagana gayu sa'aatii tokko keessa waan badeef jedha'aa dhaabatan. Worri markaba ofuu fi worri markabaan hulee maraa deemu maruu, worri markabaa, worri galaana irraa fayyadaman maruu fagoo dhaabatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qabeenni hagasii marri saa'aatii tokkotti ni bade!» ni jedhan. Ajajoonni dooni'ii marri, namoonni dooni'iin deeman marri, doonii irra worri hojjatanii fi garba ciisaa irratti worri daldalan marrinuu fagoo ni dhaabatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saatii takkaa keessatti durummaan sun duudiin badde!› hin jedhan. « ‹Worri hoboloo guddittii ajaju, worri hoboloo gudditti'iin ideemu, worri hoboloo guddittii keessa huju, worri abbaayaa irratti daddaliisaan le'anu duudiin irraa fagaatanee hin dhaabbatan.