Revelation 18:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Bukuu mataa ifii irratti firfissanee, waacifanee booyaa, “Qachaan guddichi ka worri abbaayaa guddoo irratti hoboloo guddoo qabanu duudiin, karra isaatiin duroomane, sa'aatii takkaa keessatti waan badeef aanne'e! Aanne'e!” jedhaa iyyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Awaara mata gubbati guuratani, bohani iyani waan jed'ani, Waan dabaati! Gaargala dira guddati! Worri hobolo bisaani keesa deemtu qabu ch'ufti isa keesati duroome. Ammo saatuma toko keesati ya waan ch'ufa d'abe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Awwaara mataa gubbatti guurratanii, iyyanii boohanii, “Waan cubbuutii! Gaargala dira guddaatti! Warrii hoboloo bisaan irraan yaatu qabu cuftii isa keessatti duroome. Ammoo saahatuma tokko keessatti ya waan cufa dhabe” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'iitiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'itiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mataa isaanii irratti daaraa ni firfirrissan, booya'aatii fi gadda'aa'llee akkana jedha'aa ni iyyan, «Garba ciisaa irratti doonniiwwan worri qaban marrinuu, qabeenna isi'iitiin dureeyyii worri ta'an, magaalaan ol aanttuun sun saa'aatii tokko keessatti waan badeef, isi'ii uunisha'a! Uunisha'a!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bukuu mataa ifii irratti firfirsanee, waacifaa bowaa, « ‹Qachaan guddichi ka worri abbaayaa irratti hoboloo guddittii qabanu duudiin, karra isaatiin duroomane, saatii takkaa keessatti waan badeef aanne'e! Aanne'e!› jedhaa iyyan.