Revelation 18:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaayaa guddo'otti darbee, “Qachaan Baabiloonii guddichi akkas hunnaan qolaanfamee, gad darbama, deebi'eelle hin dhaggamu!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani guddooni toko d'akha haga d'akha daakhu fuute, galaana keesa buufte waan jette, Dira gudda Babiloni akanuma fuud'ani galaana keesa buusani, aka nami deebie ingarre.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan guddaan tokko dhakaa guddaa haga dhakaa daakuu fuudhee, galaana keessa buusee, “Dira guddaa Baabilon akkanuma fuudhanii galaanaa keessa buusan, akka namii deebi'ee hingarre!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhee, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhe, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkaan cimaan tokko, dhagaa guddaa daakka'aa ka gayu dhagaa tokko fuudhee, gara garba ciisa'aa ni dabrre, «Magaalattiin ol aanttuun Baabiloon kana huminnaan dhiibamttee ni kuftti, ammaa achitti'llee gonkumaa deebitee hin argamittu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba ergamaan Waaqaa jabaan tokko dhakaa akka dhakaa daaku'uu guddaa tokko fuudhee abbaaya'atti darbee: «Qachaan Baabilonii guddichi akkas hunnaan qolaanfamee, gad darbama, deebi'eelle hin dhaggamu!