Revelation 18:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
ifi issa'aa, deebi'ee si keessatti hin ifu; qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, deebitee si keessatti hin dhage'antu; daddaltooti keeti namoota gugurdoota biyya lafaa ti; ati xanoo teetiin kolbaa duudii dokonkorsiteerta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ifse deebiani si keesati inargani; qonqo intala fuud'atifi gurba fuud'a deebiani si keesati ind'agayani. Daldaltuuni tante duri daldaltu lafa ch'ufa ira jirti, hamaatte atini falfala d'araatiini nama lafa ch'ufa sobde jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ibsee deebi'anii si keessatti hinargan; qoonqoo intala fuudhatii fi gurbaa fuudhaa deebi'anii si keessaatti hindhagayan. Naggaadeen tantee durii naggaadee lafa cufaa irra jirti, hammaattee atin falfala dharaatiin nama lafa cufaa sobdee” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatii fi idaayyitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatiif idaayiitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ibisaan ifaa ammaa achitti si keessatti hin ibisu, qooniqqi ka fuudhuutii fi qooniqqi idaayyitti'ii'llee ammaa achitti si keessatti hin dhagayamu, daldalittoonni tee namoota ol aanttota arddi'ii ni turan, asimmaa keetiitiin ummata kee mara dogoggorssiiftee jirta.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ifi issa'aa, deebi'ee si keessatti hin ifu. Qoonqoon waajibichaatii fi waajibitti'ii, deebitee si keessatti hin dhage'antu. Daddaltooti keeti namoota gugurdoota biyya lafaa ti. Ati xanoo teetiin kolbaa duudii dokonkorsiteerta.