Revelation 18:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyini'ii ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate duroomaneeran” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini daad'i ufi gosa ch'ufa obaafte, daad'i jabdu ta d'araani isii hamtu. Hayyooti lafaa isi woliini rafte, daldaltuuni lafaa d'araa isi hamtuuni duroomte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isiin daadhii ufii gosa cufa obaafte, daadhii jabduu ta dharraan isii hamtuu. Hayyootii lafaa isii waliin raftee, daldaltuun lafaa dharraa isii hamtuun duroomte” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka batteessu daadhii woyinni'ii ka sagaagalititti'ii ummata maraa obaafttee jirtti, nugusonni arddi'ii isii woliin sagaagalanii jiran, daldalittoonni arddi'ii'llee qananii isi'ii baayi'ee irraa ka ka'een, dureessota ta'anii jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii waan unteertuuf, moototi lafa irraa isii woliin sagaagalaneeran; daddaltooti lafa irraalle qananummaa hunna isi'iitiin ta kaate duroomaneeran» jedhe.