Revelation 18:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, farraa fi gadda kenna'aaf. Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, “Ani mootittii te'eera, ani haadha hiyyeessaatii moti, ijjumaa hin gaddu” ifiin jetti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akuma isiini guddinnaafi gammada ufii kennite isanileeni gaargalafi lalefacha kennaafi. Isiini waan ufiini jettu: Anini aka hayyiti taa! Anini niiti d'iirsi iraa dueniti; anini lalefad'e imbohu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akkuma isiin guddinnaa fi gammada ufii kennite isaniilleen gaargalaa fi laaleffachaa kennaaf. Isiin ufiin: ‘Anin akka hayyitii taha! Anin niitii dhiirsii irraa du'eeniti; anin laaleffadhee hinboohu’ la jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haguma isiin uf kabajjitee fi haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haguma isiin uf kabajjiteef haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
haguma isiin ulfinnaa fi itti toliinssa mataa isi'iitiif kenniteen, makkaraarnnaa fi gadda kenna'aafii, isiin onnee isi'ii titti, ‹akka mootitti'ii titti taa'ee jira, haadha hiyyeessaatii miti'llee gaddi'llee gonkumaa narra hin gayu› jechu'uun, ni dhaadatti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qixxee isiin ulfinna ifiif kennitee, qanannumma'aan leete, farraa fi gadda kenna'aaf. Isiin gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Ani mootittii te'eera; ani haadha hiyyeessaatii moti; ijjumaa hin gaddu› ifiin jetti.