Revelation 18:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee booyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyooti lafa tana isi woliini rafte, hameenna tolchite, aara gubacha isii keesa yau argite booti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hayyootii lafa tanaa isii waliin rafte, hameenna tolchite, aara gubachaa ka isii keessa yaa'u argite bootti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaranii fi isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubattu aaru arganii waan isi'iitiif «banne! banne!» jedha'aa booyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaraniif isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubbattu aaru arganii waan isi'iitiif banne banne jedha'aa booyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isii woliin worri sagaagalanii fi titti toliinssaan ka jiraatan nugusonni ardi'ii, isiin yoo gubattu aara bayu yoo argan waayee isi'iitiif iyya'aa ni booyan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Moototi lafa irraa ta isii woliin sagaagaltee fi qananumma'aan leete, aara yennaa isiin gubattu aaru yennaa dhaggane, isi'iif waacifanee bowan.