Revelation 19:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilti isaa aka qanqe ibida jirti, sure hayyuma heddu matati marate. Maqa isaa irati t'aafani, ammo isa male nami tokoleeni maqa suni imbeekhu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Iltii isaa akka arraba ibiddaa jirti, surree hayyumaa hedduu mataa irraa qaba, barruu maqaa ta isa malee namii tokkolleen maqaa sun hinbeennetti irra jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ijji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa isa malee ka eennullee hin beenne qaba.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Iji isaa akka arraba ibiddaati; mataa isaa irra qoobii ulfinnaa heddutu jira. Maqaa biraa ka isaa malee ka eennullee hin beenne qaba.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ijji isaa arraba ibiddaa ni fakkaatan, mataa isaa irra'llee gonfatawwan baayi'een ni jiran, isa malee ka bira'aa eennu'llee ka hin beekinne isa irratti ka barreeffame maqa'atu jira ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ilti isaa akka bobe'a ibiddaa ti; mataa ifii irralle'etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera.