Revelation 19:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Goraadeen qara qaddu ta inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baate; ulee bokku'uu ta sibiilaatille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sheeftiini qara qabdu afaani isaa keesaa baate, ta inni gosa ch'ufaani dabsatu. Inni ule sibiilatiini worra fide, daad'i dalansu Waaqa Gudda ch'unfa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Afaan isaa keessaa goraadee qara qabdu ta innii gumiin dha'uutti ba'a. Innii ulee sibiilatiin warra fide, fulaa daadhii dallansu Waaqaa Gudda waan cufa danda'uu garsiiftu itti cunfan irra ejjatee cunfa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya; inni ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guraadee qaramaa worra Yihuudota hin taane ittiin dhayutu afaan isaa keessaa baya, innillee ulee sibiilaatiin isaan bulcha. Innillee daadhii woyini'ii ta lola hamaa Rabbii waa maraa danda'u itti cuunfatu san dhidhiita.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummattoota ka ittiin dhayu biloofnni qara qabeessi afaan isaatii ni baya, ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, inni'llee maraa ka danda'u ibisa dheekkamissa Waaqa sodaachisa'aa ka ta'e, bakka cuunffaa woyinni'ii irra ni ijjata,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku'uu ta sibiilaatiille'een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni'ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande'uu itti cunfantu hin dhiita.