Revelation 19:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, “Koya'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini malaika adu keesa ejitu arge. Isiini qonqo guddooni simpirre gubba bariftu ch'ufa yaamte, Koota, jila Aabbo guddoti woli woldaa!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Armaan duubati ani ergamaa aduu keessa ejju ka simphirree Waaqaa gubbaa barriftu cufaa qoonqoo guddoon, “Gara soora guddo Waaqii qopheessetti koottaa, wal waldaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaa tokkollee ka aduu keessa dhaabate arge, «Simbirran samii keessa bararan maruu kootta'aatii foon moototaa, foon ajajaa loltuu kumaa, foon worra jajjaba'aa, foon farado'oo, foon worra faradoo irra taa'anii,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaa tokkollee ka aduu keessa dhaabate arge, Simbirran samii keessa bararan maruu kootta'aatii foon moototaa, foon ajajaa loltuu kumaa, foon worra jajjaba'aa foon farado'oo, foon worra faradoo irra taa'anii, foon gooftotaatiif garbootaa, foon didiqqa'aatii fi gugurdaa maraa akka nyaattan, «Gara hurbaata Rabbii gudda'aa wolgaya'aatii asi yaa'a'aa» jedhee laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti aduu irra ka dhaabate maleyikkaa tokko ni arge, inni'llee sinbirroota samii irra bararaniin akkana yoo jedhu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, «Gara afeerrii ol aanaa Waaqaa kootaa! Wolitti qabamaa!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, «Kowa'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a!