Revelation 19:18 — Compare Translations
6 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa koya'aatii nyaadha'a!” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Koota, fooni hayyootatiifi ka abbooti duulatiifi ka askartitiifi ka fardatiifi ka nama farda yaabatutiifi fooni nama ch'ufa, tisseefi balchale, diqaafi guddale nyaad'a jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Koottaa, foon hayyootaa, ka abbootii duulaa, ka warra warraanaa, ka fardaatii fi ka nama farda yaabbatuu, foon nama cufaa; ka tisseellee, balchaalle, diqqaa fi guddaallee nyaadhaa” jedhee iyyee yaamu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
foon gooftotaatii fi ka garbootaa, foon didiqqa'aatii fi gugurdaa maraa akka nyaattan, «Gara hurbaata Rabbii gudda'aa wol gaya'aatii as yaa'aa'a» jedhee laagaa gudda'aan iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Foon nugusotaa, foon ajajoota woraanaa, foon lolttuuwwan cicimo'oo, foon farado'ootii fi worra faradoo yaabbatee, foon goofttotaatii fi tajaajiltootaa, foon maandhotaatii fi hangafootaa, foon nama maraa koota'aatii nyaadhaa!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa kowa'aatii nyaadha'a!» jedhe.