Revelation 19:2 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera” ta jettu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qorsumaani isaa ta d'ugatiifi ta qajeelaati! Inni ya sharmut'iti guddo ta hameenna ufitiini lafa balleesite wollaala iti mure. Waaqi ya maro isiini tissele isaa fit'eefi gaargalche jettu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Murtiin isaa ta dhugaatii fi ta qajeelaati. Innii ya shaarmuxittii guddoo ta hammeenna ufitiin lafa balleessitetti mure. Waaqii ya marroo isiin warra isaa hojjatu fixxeef gaargalche” jettuu Waaqaa gubbaa dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati!» jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Murteen isaa dhuga'aa fi qajeelaa waan ta'eef, fayyisuun, ulfinni, hunnillee ka Waaqa keennaati! jedhee hennaa dubbatu laagaa akka banii hedduu dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu.