Revelation 19:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bineensa kaanifi raaga d'ara, ka waan mama isa durati tolche, woliini qabani. Inni qara waan mama kanaani worra beesisa bineensa ufiraa qabu sobe, worra fakeenna bineensa ka boch'ani kad'atele. Bineensafi raagi d'ara, ato jiranu, galaana ibida keesa buusani gubani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan duuba bineensa kaanii fi raaga dharaa, ka waan mamaa isa duraatti tolche kaallee waliin qaban. Innii qaraa waan mamaa kanaan warra beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra fakkeenna bineensa bocanii kadhatullee sobe. Bineensaa fi raaga dharaa kaan, adoo warri lubbuun jiruu, galaana ibiddaa ka dhakaa baqee lola'uu keessa jisanii guban.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bineensillee hin qabame; worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bineensillee hin qabame worri isa afo'otti maalalee godha'aa malkata bineensaa worri fudhatan, worra fakii isaatii sagadan ka dogoggorse raanni sobaa isa woliin qabame; lamaanuu uduu lubbu'uun jiran gara ibidda dhagaa bobayuu gara galaana ibiddaa darbaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane.