Revelation 19:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri hafanelle, goraadee afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa baatuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duula worraa, sheefti afaani namicha farda yaabatu keesa baatuuti fit'e: allaatiini haguma dandeetu ch'ufa fooni worraa nyaatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duula warraa, goraadee afaan namicha farda borora irra taa'u keessaa baatutti fixee, simphirreen cufti foon warraa nyaattee quufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri farda irratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri fardarratti hafan guraadee afaan isaatii bayuun dhuman; allaattiin maruu foon isaanii nyaatanii quufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Worri hafan ammoo afaan ka fardda adii yaabbateetii billaya bayeetii ni ajjeefamaman, sinbirroonni marri'llee foon isaanii nyaachu'uun, ni quufan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.