Revelation 19:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, “Hallee luyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan aka qonqo nama heddufi waan aka bisaani guddo gubbaa gadi jigatifi, waan aka qawe mandiisu d'agaye. Ammalle waan jed'ani, Waaqa faarsa! Wonti akanatiifi Aabbooni, Waaqi keenna Guddaani, Hayyu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin waan akka qoonqoo nama hedduu, waan akka bisaan guddoo gubbaa gad jigaatiitii fi waan akka mandiisuu qawwee fakkaata ka “Waaqaa faarsaa! Aabboo, Waaqii keenna guddaan, inhayyoomaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Laagaa akka laagaa banii hedduu, laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa, laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru ka akkana jedhu dhagaye, «Halee luyaa! ka maraa bulchu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Laagaa akka laagaa banii hedduu laagaa akka laagaa bisaan gudda'aa laagaa akka laagaa gigissaa gudda'aa jiru hennaa akkana jedhu dhagaye. «Hallee luyyaa! ka maraa bulchuu Waandhi Gooftaan keenna waan mooyeeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, «Halle luuyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i.