Revelation 19:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, koya'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gammanna, qilit'amna; guddinna isaa faarsina. Hojjaani Ilmeeni Hoola dubra fuutu ya geete, intalti inni fuud'u ya kurfefatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Koottaa hingammannaa, hinqiliixamnaa; guddinna isaa faarsinaa! Fulaan hoolaan dubra fuudhu ya geette, intaltii inni fuudhu ya kurfeeffatte!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef isiinillee waan uf qopheessiteef haa gammannuu; ililfata'aa ulfinna isaa haa dhiyeessinuu!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan ciini hoolaa Rabbii gayeef, isiinillee waan uf qopheessiteef haagammannuu, ililfata'aa, ulfinna isaa haa dhiyeessinuu!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ciin Hoolchaa waan gayee fi idaayyaan isaa'llee waan qophooftteef, koottaa haa gammadinuu! Gammachuu'llee haa raawwanuu! Isa haa kabajinuun'lle'e!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, kowa'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina!