Revelation 19:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa sun anaan, “ ‘Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe’ jedhii barreessi” jedhe. Itti aanseelle, “Kun jecha Waaqaa dhugicha” naan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani waan naani jette, Waan kana t'aafi: Ayyaana worra fuud'a Ilme Hoolati yaamani. Malaikaani waan jette, Tunini dubbi d'uga ta Waaqi dubbate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan sun, “Waarii gara fuudha elemoo hoolaa yaaman ha gammadu. Atilleen waan kana barreessi!” Ergamaan ammallee itti deebi'ee, “Tunin dubbii dhugaa ta Waaqii dubbate” naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni, « ‹Worri hurbaata cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, « ‹Worri hurbaataa cidha Hoolaa Rabbii irratti waamame eebbifamtoota› jedhii barreessi» naan jedhe. Akkasuma, «Kun dubbii Rabbii ka dhuga'aati» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa sun anaan, « ‹Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe› jedhii barreessi» jedhe. Itti aanseelle, «Kun jecha Waaqaa dhugicha» naan jedhe.