Revelation 2:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin hag ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala d'ufu insodaatiini! Ch'aqasi, Sheet'ani isani gari mana hid'aansa keesa buuse isani ilaalata; haga bulti kud'ani d'ipatani gaargaltani. Haga dootuuti nama d'ugefatani tahi, duuba anini eebafi jireenna sii kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargala sitti dhufu hinsodaatin! Caqasi, Sheexanii isanii garii mana waankiitti naqee isan laallata; haga bultii kudhanii dhiphatanii gaargaltan. Haga dootuutti nama dhugeeffatan tahi, duuba anin eebba jireenna sii kenna” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkinna si irra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan; ati ammo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rakkinna sirra gayu'uuf ta'u hin sodaatin. Daabiloos isin qoru'uuf jedhee isin keessaa namoota gari garii mana hidha'aatitti isin galchu'uuf ta'a. Guyyaa kudhaniif hin rakkattan ati ammoo haga du'aatitti amanamaa ta'i. Badhaasa jireennaallee sii kennaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ufi durana rakkinna sirraa gayu hin sodaatin, kunoo, akka qormaattamtaniif isin keessaa tokko tokko sheexanni gara mana hidha'aa titti isin ni galcha, guyyaa kudhaniif'llee rakkinna ni fudhattan, haga du'aa titti'llee amanamaa ta'i, gonfata jireennaa siif ni kenna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Rakkinna sitti dhufaaru hin sodaatin. Kunoo, Seexanni isin haga ilaaliisaaf, isin keessaa garii mana hidha'aatitti hin galcha; guyyaa kudhan hin rakkatan. Haga du'aatitti ka addatante te'i; anille kallacha jiru'uu si'iif hin kenna.