Revelation 2:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: Ka goraadee qara lamaa, ta qarante qabu akkas jedha:
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara malaika gumi Pergamo waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama aflameedi qara qabdu qabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gara ergamaa gumii Phergamoonitti” “Ergaan tun nama billaa aflameedaa ka gamii lachuu qarame qabu biraa dhufe” jedhii barreessi!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gara lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa ta Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, «Ka billawa gama lamaan qara qabu harkaa qabu akkana jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaa woldaya Phergamooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun bilaya gara lamaan qara qabu ka qabate ka dubbatame,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ergamaa wolde'a kiristaana Phergamooniitiif akkasi jedhii barreessi: «Ka shallaagaa qara lamaa, ka qarame qabu akkas jedha: