Revelation 2:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Addee barcumaan mootumaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabateerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa ana irratti qaddu hin mormanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini fulla atini teetu imbeekha, fulla barch'uma guddinna Sheet'anaati. Atini maqa kiyya jabeesite qabatte, gaafa Antipa ka guddo na d'ugeese fulla Sheet'ani tauti ijeesanile, atini d'ugefacha na d'ugefatte illakimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergaan, “Anin fulaa atin teettu inbeeka, fulaa sun barcumaa guddinna Sheexanaati. Atin maqaa kiyya jabeesitee qabattee, gaafa Antiiphaas ka guddoo naa dhugeesse fulaa Sheexanii taa'uutti ijjeesaniillee, atin dhugeeffachaa na dhugeeffatte hinlakkimne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyallee hin eedda; bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantii na irraa qabdu hin waakkanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Hulee teessoon mootummaan seexanaa jiru akka jirtu ani hin beeka. Maqaa kiyyaallee hin eedda bara Antiphaas amanamaan ragaa kiyyaa isin biratti ajjeefame ati amantaa narraa qabdu hin waakkanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ati bakka teessoon sheexanaa jiru jiraachuu kee ni beeka, haa ta'u malee maqaa kiyya jabeessitee qabatee jirta, amantii ana irratti qabddu'llee hin waakkanne, ragaa kiyya amanamaa ka ture Antiiphaan'llee, bakka sheexanni jiraatu magaalaa kee keessatti yoma ajjeeffametti'llee, anatti amanuu kee hin dhiifnne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee barcumaan mootummaa Seexanaa jiru akka ati leetu ani hin beeka; te'uu malee maqaa kiyya jabeessitee qabatteerta. Bara dhugaa-bayaan addatamaan kiyya Antiiphaas qachaa keessan ka Seexanni keessa le'u keessatti ijjeefamelle, dhugeeffannaa na irratti qaddu hin mormanne.