Revelation 2:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaq barsiise worri hordofu isin keessa jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo waan diqo toko ch'alla si quufu d'abe nama haga toko ka barsiisa Baaluma gula yau qabda, inni Balaki, aka ijoolle Israeli gufachiisu barsiise, ammalle sagale waan harkaani boch'ani baasani nyaataniifi aka sharmut'oma deemani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan diqqoo tokkoo callaa si quufuu dhabe; nama haga tokkoo ka barsiisaa Bala'aam gula yaa'uu qabda, Balaaq, ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'e; ammallee akka sagalee waan harkaan bocanii baasan nyaatanii fi akka sharmuxooma yaa'an barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan diqqoo si irratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Israa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aa worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'an si woliin achi waan jiraniif.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan diqqoo sirratti ceem'u qaba. Innillee ijoollee Isiraa'eliitiif gufuu ta'u'uuf nyaata waaqa tolfama'aaf dhiyaate nyaata'aa, seebara'aati worri barumsa Bala'aamii ka Balaaqiin barsiise duukaa bu'aan si woliin achi waan jiraniif.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ka sitti ashu wonittoota tokko tokko ni qaba, kun'llee barsiisa Bla'aamii ka qabatan namoonni tokko tokko jidduu keessan ni jiran, Bala'aamiin kun'llee ummanni Israa'eelii Waaqa harkaan hojjatamaniif ka qalame foon nyaachu'uu fi sagaagala raawwachu'uun akka gufataniif, Balaaqiin ka gorsse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaaq barsiise worri hordofu isin keessa jira.