Revelation 2:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, goraadee afaan kiyyaatiin isaan hin lola.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daba iraa deebii yoosi. Yokhaani anini hurrise siti d'ufe, worra suni sheefti afaani kiyya keesa jirtuuni had'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Cubbuu irraa deebi'i yoos. Yokaan anin hurriseetti sitti dhufee, warra sun goraadee afaan kiyya keessa jirtuun hadhaa.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa aagii gali; yoo aagii galuu baatte ani dafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eeganaa aagii gali yoo aagii galuu baatte ani daafee sitti dhufa. Guraadee afaan kiyya keessaa bayuun isaaniin lola.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kanaaf dhiifamaan gara Waaqaa deebi'i, yoo kana ta'uu dhabaate daddafaan gara kee dhufee akka bilaya ka jiru, dubbii afaan kiyyaa bayuun isaan ni woraanna.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, shallaagaa afaan kiyyaatiin isaan hin lola.