Revelation 2:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'ota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee ennulle hin beenne hin kennaaf.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gurra qabu waan Lubbuuni gumiini jettu ha d'agayu! Nama dabsatu anini sagale manna jed'ani ta d'ossani kennaafi. Ammalle ch'abbi adi ta maqa hareesa irati t'aafani, ka nama argatu male nami d'ibiini imbeenne kennaafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namii gurra qabu waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu! nama dabsatuu anin sagalee maannaa jedhan ta dhossan kennaaf. Ammallee cabbii adii maqaa haareessa irratti barreessan, ka nama argatu malee namii dhibiin hinbeenne kennaaf” jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Waan Ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Waan ayyaanni woldoota Kiristaanaatiin jedhu ka gurra qabu haa dhagayuu; nama mooyatee nyaata sami'ii ka dhokate keessaa kennaaf; dhagaa adii ka maqaan haarofni irratti barreeffame nama fudhatu san malee ka eennullee hin beenne kennaaf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Hafuurri woldayoota amanti'iitiin waan jedhu, ka gurra qabu haa dhagayu! Injifatee ka moo'uuf mannaa dhoffame irraa'llee ni kennaaf, maqaan haarofinni ka irratti barreeffame dhagaa adii'llee ni kennaaf, ka fudhatu malee kana ka bira'aa eennu'llee hin beekuun.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee eennulle hin beenne hin kennaaf.