Revelation 2:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha:
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara malaika Thiatira waan kana t'aafi: Tunini dubbi Ilma Waaqa, ka ilti aka ibida bobeetu, ka miili isaa aka sibiila qulqulleesani biliqu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gara ergamaa gumii Tiyaatiraatti” “Ergaan tun ta Ilma Waaqaa, ka iltii akka bobaa ibiddaa bobeettuu, ka miilii isaa akka sagaa bassaani qulqulleesanii billiqu” jedhii barreessi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirtu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa, ka lutti isaa akka sibiila boolla ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa ta Tiyaaxiroon keessa jirttu akkana jedhii barreessi. Ilmi Rabbii ka ija akka arraba ibiddaa ka lutti isaa akka sibiila boola ibiddaa keessatti oo'ee diimate fakkaatu qabu akkana jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaa woldaya amantii Tiyaaxirooniitiif akkana jedhii barreessi, Kun arraba ibiddaa ija fakkaatan ka qabu irraa fi sibiila diimaa mukukula ibiddaatiin baqe miila fakkaatan ka qabu, Ilma Waaqaa irraa ka dubbatame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ergamaa wolde'a kiristaana Tiyaatira'aatiif akkas jedhii barreessi: «Ilmi Waaqaa, ka ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaattu, ka miilli isaalle sageettuu dhiillee morodante fakkaatu akkas jedha: