Revelation 2:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccasee butucha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama dabsate huji tiyya haga muumme tolchu, anini jabeenna gosa ch'ufaani fidani kennaafi, jabeenna anini Aabbo ira argad'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama dabsatee hujii tiyya haga muummee hojjatu, anin jabeenna akka ka Aabboo irraa argadhee, akka gosa cufaan fidan kennaaf. Innii ulee sibiilatiin warra fida, duuba akkuma okkotee faaraa cabsan gargarii warra caccabsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka mooyatee fi ka haga dhumaa hujii kiyya eegeef anillee akkasuma abbaa kiyya irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf; ulee sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faaraatitti isaan caccabsan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka mooyateef ka haga dhumaa hujii kiyyaa eegeef annillee akkasuma ani abbaa kiyyaa irraa baallii fuudhee worra Yihuudii hin taane maraa irratti baallii kennaaf. Bokkuu sibiilaatiin bulcha. Akka meeshaa faayaatitti isaan caccabsan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Injifatee ka moo'uuf hujii kiyya irratti'llee haga muumme'ee titti jabaatee ka dhaabatuuf, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irratti, aangoo ni kennaaf,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccassee butucha.