Revelation 20:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaabi dhibiille kitaabi jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaani'iititti murame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle anini nama due, diqaafi guddale, ka barch'uma guddinna dura tatau arge. Kitaaba heddu banani ammalle toko d'ibile banani, kitaaba worra jiru. Worra qara due waan worri tolche gula qorani, akuma kitaaba keesati t'aafani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee anin nama du'e, diqqaa fi guddaallee, ka barcumaa guddinnaa dura ejaajju arge. Kitaaba hedduu banan ammallee kitaaba jireennaa ka ta'e tokko dhibiillee banan. Warra qaraa du'e akkuma waan warrii tolche ta kitaaba keessatti barreefamee gula itti muran.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra du'an didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee hin baname; innillee kitaaba jireennaati, worri du'anillee akkuma kitaabbilee irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra du'an, didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee baname; innillee kitaaba jireennaati, du'oonnillee akkuma kitaabota irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maandhotaa fi du'oota hangaffan'llee teessoo isaa durana dhaabatanii isaan ni arge, kitaabban'llee ni banaman, kitaaba jireennaa ka ta'e kitaabnni biraa'llee ni baname, du'oon'llee akkaataa hujii isaanii ka kitaabban keessatti barreeffamee argameetiin murtii ni fudhatan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri du'e diqqa'aa fi guddaan, barcumaa mootumma'aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru'uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du'etti akkuma hujii isaaniititti murame.