Revelation 20:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Haga woggaan kumi tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhoye. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hikkamuu qaddi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani boola keesa isa buufte, ch'ufte, beesisa ira keyatte, aka inni haga ganni kunki toko hobauti nama tokole insomne. Eegi suni diqo toko isa hiikhu malani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan kaan akka innii haga gannii kuma tokkoo hobaa'uutti itti deebi'ee nama tokkollee hinsobne boolla gad qilee keessa jawwee taan buusee, balbala itti cufee, beessisa irra keeyyate. Achiin duubatti ammoo haga diqqa tokkoo hiikamuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate; worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate, worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woggaan kumaa haga raawwatamutti ummatoota akka hin dogoggorssineef, maleyikkichi xaricha gara boolla gadi fago'oo titti ni gateen, itti cufee'llee caapha'aan ni chaaphesseen, kanaan duubatti yeroo muraasaaf hiikkamuun ni malaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga woggaan kum tokko sun muummottutti, akka jawween deebitee gosa biyya adda addaa hin dokonkorsineef qile'etti isii qolaansee, itti cufee chaappaa itti dhowe. Achiin duuba yennaa diqqo'oof hiikamuu qaddi.