Revelation 20:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mooyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini barch'uma guddinnatiifi worra ira tatau arge. Jabeenna worri woiini qoru kennaniifi. Ammalle anini lubbu nama, maro worri d'uga Yesoni mulliseefi dubbi Waaqa odeese ijeesani arge. Worri bineensa inguddimne yokhaani akheekha isale, yokhaani beesisa isaa harkafi adda ira inqabu. Worri aka hayyoota tahe, Kristo woliini ganna kunki toko lafa fide.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin barcumaa guddinnaatii fi warra jabeennaa muraa kennaaniif ka barcumaa sun irra tataa'u arge. Akkasuma ammallee lubbuu warra, marroo warrii dhugaa Yesus mullisee dubbi Waaqaa himeef qaqqalanii arge. Warrii bineensa yokaan akeeka isaallee, hinguddimne; yokaan beessisa isaa harkaa fi addalle irraa hinqabu. Warrii akka hayyootaa tahee, Kiristoo waliin ganna kuma tokkoo lafa fide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa teessoowwanillee hin arge; worra isa irra taa'anii baalliin kennameef, waan ragaa Yesuusiitiif, waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaa fi fakii isaatii hin saganne, worra malkata kallacha isaaniitii fi harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Teessoollee hin arge. Worra isarra taa'anii baalliin kennameef waan ragaa Yesuusiitiif waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaaf fakii isaatii hin saganne worra malkata kallacha isaaniitiif harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti teessoowwan ni arge, teessoowwan irra'llee worri aangoon murtteessu'uu isaanii kenname ta'anii ni arge, waayee Yesusii ragaa bayuu isaaniitii fi waayee dubbii Waaqaatiif namoota mataawwan isaanii irraa muraman lubbuuwwan isaanii ni arge, isaan'llee bineensichaa fi suuraa isaatiif ka hin sagadin, malikata isaa'llee kallacha isaanii ta'ee harka isaanii irratti ka hin godhatin, isaan du'aa ka'anii Kristosiin woliin woggaa kumaa ni moo'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba barcumoota mootumma'aa dhagge; barcumoota mootumma'aa san irra worri akka muruuf baalliin kennanteertu tetee'eeraayyu. Akkasuma lubboota worra marroo dhugaa baya Yesuusiitii fi Jecha Waaqaatiif mormi kutamee dhagge. Isaan bineensaaf yookiin fakkii bineensaatiif hin saganne; adda yookiin harka ifii irratti beessisa bineensa sanii hin godhanne. Isaanille du'aa ka'anee Kiristoos woliin woggaa kuma tokkoof mowan.