Revelation 20:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mooyan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaanafi gammada worra kaisa qara kana keesa qooda qabuuti. Doti lameeso dandeete worra indabsattu, worri qaalole Waaqatiifi ta Kristo tahe, isa woliini haga ganna kunki tokoti lafa fida.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eebba guddoo fi gammadii ka warra du'aa ka'iisa qaraa kana keessaa qooda qabuuti. Dooti lammeessoo warra irrati irree hinqabdu, warrii qaalloollee Waaqaatii fi ta Kiristoo tahee, isa waliin haga ganna kuma tokkoo lafa fida.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qabdu; gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammaffa'aa isaan irratti baallii hin qabdu, gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Du'aa ka'iinssa jalaqabaa titti qoodamtoota ka ta'an ka galateeffamanii fi Qulqullaawomota, duuti lammaffa'aa isaan irratti aangoo hin qabu, isaan'llee qeesota Waaqaatii fi Kristosii ni ta'an, Kristosiin woliin'llee woggaa kuma ni mootoman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri du'aa ka'a qaraa kana keessatti qooda qabu worra badhaadhee fi worra woyyu'u. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qaddu; isaan hayyoota Waaqaatii fi Kiristoosii te'an; isa wolille'een woggaa kuma tokkoof mowan.