Revelation 20:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaayaa gudditt'ii ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
d'aqeti gosa lafa ch'ufa keesa firfirfamte, akasi jechaani Gogifi Magogi jechu, soba. Sheet'ani had'iisafi worra ch'ufa wolti yaama, akuma maansa afaani galaana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
dhaqeetti gosa lafa keessa jirtu cufa, Googinii fi Maagoogin, gumii guddoo akka maansa afaan galaanaa sobee warraanati naquuf walti guura.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkobsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkofsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
ummatoonni arddii mara irratti arigaman jechu'uun, Googii fi Mangoogiin dogoggorssiisu'uu fi woraanaaf'llee hirmaachissu'uuf ni baya, laakkofssi isaanii'llee akka cirracha garba ciisaa biratti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
gosa biyya adda addaa ta maddii lafaa arfanuu keessa jirtu: Gosa Googiitii fi Maagoogii dokonkorsaa, lolaaf wolitti isaan qabiisaaf hin baya; laakkossi isaaniille akka maansa cinaa abbaaya'aa ti.