Revelation 20:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaallatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri lafa ch'ufa keesa yae, gumi Waaqatiifi dira inni jaalatu marse. Ammo ibidi gubba gadi bue worra hobaase.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii lafa cufa keessa yaa'ee, gumii Waaqaatii fi dira innii jaalatu marse. Ammoo ibiddii gubbaa gad bu'ee gubee warra hobbaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara badhinna biyya lafaa bayanii ganda woyyootaatii fi qachaa jaalatamtuu marsan; ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara badhinna biyya lafaa bayanii, ganda woyyootaatiif qachaa jaalatamtuu marsan, ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
isaan'llee gara arddi'ii mara bittinnaayanii ganda Qulqullootaatii fi magaalaa jalatamttuu ni marssan, garuu ibiddi sami'ii bu'ee gubu'uun isaan ni balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan gara lafa maraa bayanee, addee kolbaan Waaqaa jirtuu fi qachaa Waaqaan jaalatame marsane; te'uu malee ibiddi ol-gubba'aa irraa bu'ee isaan nyaate.