Revelation 21:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini gubba haraafi lafa hareeti arge. Lafa qaratiifi gubbaani qara badde, galaanileeni bade.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin gubba oli haaraa fi lafa haareettii arge; lafa qaraatii fi gubbaan oli ta qaraa la dabarte, galaanilleen armaa achi hinjiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa ardii haarawaa fi samii haarawa arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran; galaannillee duranaa hin jiru.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ardii haarawaa fi samii haarawallee arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran, galaannillee duranaa hin jiru.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti samii haarawaa fi arddii haarawa ni arge, samiin jalaqabaatii fi arddiin jalaqabaa'llee dabrranii jiran ture, garbi ciisaan'llee ammaa achitti hin jiraatu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu.