Revelation 21:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbuuni na fuute, fiit'e gaara d'eera toko na garsiifte. Yerusalemu, Dira Qulqullo, ka gubba, fulla Waaqati gadi d'ufu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii gara fiixee gaara dheeraa tokkoo na fuudhee, dira Qulqulloo, Yerusaalem, ka gubba, fulaa Waaqaati gad dhuftu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yerusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yeruusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise. Ifti isi'iillee akka dhagaa guddaa ulfaata'a akka Iyaasiphiidii ta'e akka birrii qulqullayeeti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hafuuraan'llee gara gaara gudda'aa fi dheeraa tokkoo ana fideeniiti, magaalaan Qulqullittiin Yerusaalem Waaqa biraa sami'ii yoo buutu natti ni muldhise,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanalle'een gara gaara gudda'aa fi dheera'aa tokko na geessee, qachaan woyyichi Yerusaalem, ol-gubbaa keessaa Waaqa biraa gadi bu'uun natti mudhise.