Revelation 21:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diri kunini naabo d'akhaa jaarani d'eertu qaba, ta fullo kud'ani lama qabdu, Ammalle malaikaani kud'ani lama fullo suni tissite. Fullo gubbati maqa gosa kud'ani lama ta gosa Israeli t'aafani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dirii kunin naaboo dhakaan jaaran dheertuu qaba, ta fuloo kudhanii lamaa qabdu, ammallee ergamtootii kudhanii lamaa fuloo sun keessa ejaajjitee tissit. Fuloo sun gubbaatti maqaa gosa Israa'eli kudhanii lamaan barreessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dallawa guddaa dheera'aa fi balballan kudha lamaa qabdi. Balballan isi'ii maleekkonni kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Israa'elii irratti barreeffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dallawaa guddaa dheera'aaf, karra kudha lamaa qabdi. Karra isi'ii maleekkaan kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Isiraa'elii irratti barreeffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
balballan kudha lamaan ka qabu kaloo kaabaa dhaga'aa dheera'aa fi ol aanaa ni qabddi ture, balballan isi'ii kudha lamaaniinuu, maleyikkoonni kudha lamaan dhabatanii ni eegan turan, balballan irratti'llee maqaan gosoota kudha lamaan Israa'eelii isaan irratti barreeffamee ni jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dalleya dhaka'aa gudda'aa fi dheeraa, ka karra kudhanii lama qabu qaba; karroota san irra ergantooti Waaqaa kudhanii lama dhaabbatanee eegiisatti jiran; maqaan gosa Israa'elii ka kudhanii lamaaniituu irratti barreeffameera.