Revelation 21:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Naabo d'akha ka dira d'akhaye kud'ani lama irati ijaarani, d'akha suni gubbati maqa ergattu Ilme Hoola kud'ani lamaani t'aafani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Naaboo dhakaa ta dira yayyaba kudhanii lamaa ka dhakaayyee irraatti jaaran, dhakaa sun gubbaatti maqaa ergamtoota elemoo hoolaa kudhanii lamaanii barreessan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti; isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kaabaan dhaga'aa ka magaalatti'ii hunddeewwan kudha lamaa ni qaban ture, hundeewwan isaanii irratti'llee, maqaawwan ergamittoota kudha lamaanii barreeffamanii jiran ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dalleenni dhaka'aa ka qachaa sanii hundee kudhanii lama qaba; isaan san irralle'etti, maqaan ergantoota Hoolichaa ka kudhanii lamaaniituu barreeffameera.