Revelation 21:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka ana woliin dubbatiisatti jiru sun mikii ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani naani dubbate ule worqi ta d'eerinna diratiifi fullo isaatiifi naabooni biimani harkaa qabdi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan naan dubbate ulee warqii ta dheerinna diraa, fuloo fi naaboo diraatiin laakka'an harkaa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka anatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii bikku'uuf ulee worqi'ii qabateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii biku'uuf ulee worqi'ii qabateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi natti dubbate'llee magaalatti'ii fi balballan isi'ii, kaloo kaabaa dhaga'aa'llee ka ittiin bikku, ulee worqqi'ii ni qaba ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu.