Revelation 21:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo wonti t'uri qaba tokoleeni keesa inseentu, yokhaani nami waan ch'eera tolchuufi ka d'ara dubbatuleeni. Worra maqa isaani kitaaba jireenna ka Ilme Hoola keesati t'aafani ch'allati seena.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo wanni hamtuu ta'e, yokaan namii waan battii tolchuu fi ka dhara dubbatuulleen tokkolleen keessa hinseenu. Warra maqaa isaanii kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa keessaatti barreessan callaatti seena.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
wonitti balifisiisaa ta'e gonkumaa gara isi'ii titti hin galu, battummaa ka raawwatuu fi soba ka dubbatu, gonkumaa gara isi'ii hin galu, gara isi'ii titti ka galan, worra maqaawwan isaanii kitaaba jireennaa ka Hoolchaa irratti barreeffaman qofa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.