Revelation 21:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeessuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaammeyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nama daafanafi kiyyibafi hamafi nama nama ijeesufi algalaafi ka murma baafatufi ka waan harkaani boch'ani guddisuufi ka nama sobu, fullaani worraa galaana ibidaati, ka duisa lameeso.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo warri daafanaa, warri dhugeeffacha hinqamne, warri battichi, nami nama ijjeesuu, warri rifanoo dhibii barbaadu, ka murma baafatu, ka waan harkaan bocan guddisu, ka nama sobu cufaa, fulaan warraa galaana ibiddaa, ka dhakaa bobaa'e baqee lola'uu ka du'a lammeessoo.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa kaddaaman, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu, kunillee du'a lamaffa'aati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
garuu sodaattonni, amantii dhabeeyyiin, battiiwwan, lubbu-ajjeefttonni, sagaagalttoonni, worra asmmaa hojjattoonni, worri Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, sobddoonni marrinuu carraan kutaan isaanii, ibiddaan ka gubatu garba ciisaa ibiddaa keessa ni ta'a, kun'llee du'a lammaffa'aat.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.