Revelation 21:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, “Koyi; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa” naan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaika torbaani, ta qori torba ta gaargala torba qabdu keesaa toko, gara kiyya d'ufte waan naani jette, Kooti, anini intala fuud'a sii garsiisa, niiti Ilme Hoola.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtoota torbaan, ta qorii torba ta balaa torba qabdu keessaa tokko, gara kiyya dhufee, “Koottii, anin intala fuudhaa, niitii elemoo hoolaa sii garsiisaa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkota torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «As koottu! Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaa torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «Asi koottu, Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Balaawwan torbban muumme'ee ka itti guutaman duloowwan torbaan, qabatanii ka maleyikkoota torbaan keessaa tokko dhufee, «Koottu! Haadha worraa Hoolchaa ka taate idaayyittii sitti ni muldhisaa» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergantoota Waaqaa torba, ta qorii torba ta balaa muumme'ee torbaan guutanteertu harkatti qabataneeranu keessaa tokkochi dhufee, «Koy; haadha manaa ta Hoolichaa, waajibittii sitti mudhisa» naan jedhe.