Revelation 22:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun anatti mudhise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani ammalle galaana bisaani jireenna naa garsiifte, ka guddo bibiliqu, ka fulla barch'uma guddinna Waaqatiifi Ilme Hoolati d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan galaana bisaan jireennaa ka guddoo bibiliqu, ka fulaa barcumaa guddinna Waaqaatii fi elemoo hoolaatii ba'u na garsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa maleekkaan bayima isi'ii jidduu teessoo Rabbiitii fi teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee calanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baadaa isi'ii jidduu teessoo Rabbiitiif teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee callanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkichi Waaqaa fi teessoo Hoolchaa biraa ka bayu, akka daawi'tee ifuu titti qulqulluu ka ta'e laga bishaan jireennaa natti ni muldhise,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ergamaan Waaqaa laga bisaan jiru'uu, ka akka cabbi'ii calalaqu, barcumaa mootummaa Waaqaatii fi Hoolichaa irraa yaa'uun natti mudhise.