Revelation 22:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ayyaana worra woya ufi miich'ate qulqulleesu. Akasiini mid'aani mukha jireenna iraa nyaatani, Fullo diratiini olseenani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii wayaa ufii miicatee ka badhaadhe! Akkasiin midhaan mukii jireenna namaa kennuu irraa nyaatani, fuloo suniin dira olseenan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachatti'ii seenu'uuf uffata ufii miicatan eebbifamtoota.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachati'ii seenu'uuf worri uffata isaanii miicatan eebbifamtoota.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Firii muka jireennaa irraa nyaachu'uu fi balbaloonni isi'iitiin'llee gara magaalatti'ii galu'uuf mirga akka qabaataniif, uffata isaanii ka miicatan ka eebbifaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Muka jiru'uu irraa midhaan nyaatiisaa fi karaa karraatiin gara qachaa sanii seeniisaaf, akka haqa qabaatu, worri woyaa ifii dhiqatu ka badhaadhe.