Revelation 22:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaallatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo moga dira, worra hamamafi falfaltufi algalaafi ka nama ijeesufi ka waan harkaani boch'ani kad'atuufi nama dubbifi hujiini kiyyibuuti jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Moggaa diraa ammoo, warra hamamaa, falfalaa, warri rifano dhibi barbaadu ka nama ijjeesu, ka waan harkaan bocan kadhatu, nama dubbii fi hujiin kiyyi buutti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolfamaa waaqeffatan, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolffamaa kaddaaman, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka sare'ee worroota raatayan, ka asmmaa hojjattoonni, sagaagalittoota, lubbuu ajjeefttota, waaqolee harkaan hojjatame waaqeffatoota, soba worra jaalatanii fi karaa dharaatiin worri deeman marrinuu, magaalatti'iin ala ni ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri sareeleen, worri xanu, sagaagaltooti, worri nama ijjeesu, worri waaqa dharaa waaqonsu, worri dhara jaalatuu fi sobu mara ammoo alatti hafa.