Revelation 22:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ayyaanaa fi waajibittiin, “Koyi” jedhan; ka dhage'ulle, “Koyi” jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lubbufi intalti fuud'a, kooti jetti. Nami waan kana d'agaye ch'ufti ha kooti jed'uuti. Nami dubbi qabu ch'ufti ha d'ufuti nami fed'u bisaani jireenna ha gati male d'uguuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuuraa fi intaltii fuudhaa, “Kootti” jedhan. Namii waan kana dhagaye cuftii ha “Kootti” jedhuutii! Namii dheebu qabu cuftii ha dhufuutii! Namii fedhu bisaan jireennaa tolaan ha dhuguutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu; ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hafuurri Qulqullu'uu fi Idaayyittiin, «Koottu!» ni jedhan, Ka dhagayu'llee, «Koottu!» haa jedhu, ka dheebote'llee haa dhufu, ka barbaade'llee bishaan burqqaa jireennaa gatii woyiituu malee, bilisaan haa dhugu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ayyaanaa fi waajibittiin, «Koy» jedhan; ka dhage'ulle, «Koy» jedhuu ti; ka dheebote mara dhufuu ti; ka barbaadulle mara bisaan jiru'uu toluma fudhatuu ti.